.

Miidiyaa Hawaasummaa

social everywhereYakkaa fi Balaa Tiraafikii ittisuufis ta’ee, ol’aantummaa seeraa kabachiisuu fi guddina misoomaa biyyaa arifachisuuf faayidaa odeeffannoon qabu bakka bu’insaa hin qabu.

Komishiniin Poolisii Oromiyaas nageenya amansiisaa itti fufinsa qabu dhugoomsuun ol’aantummaa seeraa kabachiisuuf yakkaa fi balaa tiraafikii ittisurratti hubannoo fi qooda fudhannaa hawaasichaa cimsaa deemuuf miidiyaa maxxansaa fi elektirooniksiitiin gargaaramaa jira.

Kanarraa ka’uun Komishiniin Poolisii Oromiyaa tajaajila hojii poolisummaa hundaa daran ammayya’aa taasisuuf sararaa miidiyaa hawaassummaa; Face book, Twitter, Google+, YouTube, akkasumaas oduu wayitawaaGlobal News (BBC, Aljazeera, CNN, Yahoo fi kkfn irraa odeeffannoo oduu hoo’aa, ragaa qulqullina qabu fi yeroo isaa eeggate tajaajilamtoota isaaf kennuu isa dandeesisu sarara miidiyaa Email Address, Face Book, Website mataasaa banatee eebbisiisee tibbana xumura Guraandhalaa bara 2010 irraa kaasee qabatamaan hojiisaa jalqabeera.

Go to top