.

Nageenya Tiraafikaa Mirkaneessuun Hojii Qaama Tokkoof

Nageenya Tiraafikaa Mirkaneessuun Hojii Qaama Tokkoof

Dhiifamu Ta’uu Hinqabu

Dhiifamu Ta’uu Hinqabu

Dameen geejjiba daandii guddina biyya tokkoo keessatti gahee ol’aanaan qabaatu akkuma jirutti ta’ee, haala bu’a qabeessa ta’ee fi of-eeggannoon hojiirra ooluu yoo baate balaa tiraafika daandii dabalatee miidhaan gama kanaan gahuu danda’u ol’aanaadha.

Bal’ina balaa tiraafiika daandii yeroo yeroon dabalaa dhufe yaada keessa galchuun addunyaa kanarratti dhibeewwanii fi wantoota yaaddessoo fi tasa uumamuun lubbuu namaa galaafachuun beekaman keessaa balaan tiraafiika daandii sadarkaa kurnaffaa irratti akka argamu ragaaleen ni mul’isu. Dhaabbanni Fayyaa Adunyaa bara 2012 akka ibsetti sababa balaa kanaan addunyaarratti waggaa waggaan namoonni miliyoona 1.3 ta’an lubbuun isaanii yoo darbu, namoonni miliyoona 30 hanga miliyoona 50tti tilmaamaman immoo miidhaa qaamaatiif ni saaxilamu. Sababa balaa kanaan miidhaan qabeenyaa waggaa waggaan ga’us doolara Ameerikaa biliyoona 600 ol akka ta’u odeeffannoon kun addeesseera.

Akka biyya keenyaattis balaan tiraafiika daandii yeroo yeroon ga’aa jiru yaaddessaa ta’aa dhufeera. Odeeffannoon garagaraa akka mul’isutti waggoota shanan bara 1999 irraa hanga bara 2003tti qofa akka biyyoolessaatti lammiiwwan kuma 51 ol ta’an du’aa fi miidhaa qaamaa adda addaaf saaxilamaniiru. Balaa tiraafiika daandii yeroo ammaa akka biyyoolessaatti ga’aa jiru naannolee walbira qabuun yoo ilaalamu immoo Naannoon Oromiyaa naannolee balaa tiraafikaatiin sadarkaa duraarratti argaman keessaa ishee tokkodha.

Balaan Tiraafikaa Nannoo Oyomiyaatti maaliif baay’ata, ka’umsi isaanii hoo maal laata?

Balaan Tiraafikaa Nannoo Oyomiyaatti maaliif baay’ata, ka’umsi isaanii hoo maal laata?

Naannoon Oromiyaa jiddugaleessa biyyattiitti kan argamtuu fi bal’ina biyyattii keessaa %34.3 kan uwwiftu akkasumas daandiin gurguddaan magaalaa guddittii Finfinneerraa gara magaalota naannolee geessan kan keessa qaxxamuruu dha. Kanarraa ku’uun sochiin tiraafiikaa daandii naannolee biraa caalatti kan itti keessumma’uu fi balaan tiraafikaa ga’us akkataa baay’ina sochii tiraafikaatiin dabalaa dhufuunsaa hubatameera. Balaa kanaaf ka’umsa kan ta’e immoo fiigicha ol’aanaa, seera malee dursuuf yaaluu, warra lafoodhaaf dursa kennuu dhabuu, yeroo dheeraa boqonnaa malee konkolaachisuun fi deemsi alkanii isaan ol’aanoodha. Balaan ga’u kunis harka caalaan balleessaa konkolaachistootaatiin akka ta’e ragaaleen ni mulisu.

Balaa Tiraafiikaa naannichatti dhimma yaaddessaa ta’aa dhufe kana xiqqeessuuf maaltu hojjatamaa jira?

Balaa Tiraafiikaa naannichatti dhimma yaaddessaa ta’aa dhufe kana xiqqeessuuf maaltu hojjatamaa jira?

Balaa tiraafika daandii naannichatti dabaluun yaaddessaa ta’aa dhufe kana xiqeessuuf Komishiniin Poolisii Oromiyaa fi Ejensiin Geejjiba Oromiyaa qindoominaan hojjataati jiru. Dambiin Lakkoofsa 143/2004 Geejjiba Naannoo Oromiyaa Irra Deebiidhaan Murteessuuf bahee hojiirra ooleera. Kana malees too’nnaa taasifamu meeshaalee ammayaa kan akka raadaariitiin fayyadamaa kan ture yoo ta’u, amma ammoo meeshaa namoota dhuganii konkolaachisan addaan baasuu (alchol tester) fayadamuuf qophiirratti argama.

Too’annaa heera darbitoota taasifamu qofaan balaa ga’aa jiru kana too’achuun waan hin danda’amneef hawaasni daandii fayyadamu hubannoo itti fayyadama daandii argatee balaa sababa kanaan gahu irraa akka of-eegu barumsi hubannoo hawaasa bal’aaf qaamolee kanaan kennamaa jiru jijjiirama bu’uuraa fidaa jira. Kana malees, torban lamatti yeroo tokko barumsi nageenya tiraafikaa daandii irratti konkolaachisootaa fi himaltootaaf kennamus jajjabeessaa dha. Iddoowwan balaan itti baayyatu addaan baasuun haala ittisuun itti danda’amurrattis hojjatamaa jira.

Hojii gama barumsa hubannoo kennuutiin hojjetamanis bu’aan argamaa jiru jajjabeessaa dha jechuun ni danda’ama. Hubannoo itti fayyadama daandii argateen warri lafoo karaa bitaa isaanii qabatanii deemuu aadaa gochaa dhufaati jiru. Gama kanaan godinaalee Oromiyaa hedduu akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.

 

Tattaaffiin balaa kana hir’isuuf gama komishinichaa fi Ejensii Geejjiba Oromiyaatiin godhamaa jiru ol’aanaa ta’ullee balaan naannichatti gahaa jiru ammallee dhimma yaaddessaa waan ta’eef dhimma xiyyeeffannoo ol’aanaan kennameefii hojjatamuu qabuu dha. Sababa balaa ga’u kanaan miidhaan lubbuu fi qabeenyarra gahaa jirus ol’aanaa dha. Kanarraa ka’uun miidhaa balaan tiraafikaa guddina dinagdee fi hawaasummaa biyyattii irratti qaqqabu tilmaamuun waan nama dhibu miti.

Balaan kun miidhaa lubbuu fi qabeenyarra geesisu yaaddessaa ta’uu isaarrayyuu  haala kanaan kan itti fufu yoo ta’e guddina biyya keenyaa ariifataa jiru kanaaf gufuu ta’uu ni danda’a. Balaa kana gadi buusuun nageenya geejjiba daandii mirkaneessuun dhimma qaama tokko qofaaf dhiifamu ta’uu hin qabu. Kanaafuu dhimma yaaddessaa fi mana tokko tokkoon keenyaa gahuu danda’u kana furuuf lammiin hundi bakka jirutti heera tiraafika daandii kabajuu fi kabachiisuun gahee isarraa eegamu ba’uutu irraa eegama.

Go to top