.

Ragaa Sobaa

Biyya keenya biyyoota galii jiddugaleessaa qaban cinaa hiriirsuuf kallattii hundaan sochii erga eegaltee oolee buleera. Sochii uummanni fi mootummaan haarka walqabatee guddina dinagdee ariifataa fiduuf gochaa jiru kanaanis biyyi keenya akka addunyaatti maqaanshee fakkeenyummaan yeroo waamamaa jirtu keessa geenyee jirra.Bu’aalee galmaa’an kanaaf immoo nageenyi amansiisaan yeroo ammaa biyyattii keessa jiru iddoo ol’aanaa qaba. Maaliif yoo jedhame nagaan bahaanii nagaan galuuf waan barbaadan hojjatanii ofii guddatanii biyyattiinis guddinaan sadarkaa barbaadamerratti geessee arguuf nageenyaan alatti gonkumaa kan hin yaadamne waan ta’eefidha. Kanaafuu, sochiin eegalame rakkoo tokko malee akka itti fufu yakkootaa fi dhimmoota gufuu fi yaaddoo nageenyaa ta’an adda baasuun maqsuun barbaachisaa dha.

Yakkoota yaaddoo nageenyaa ta’an keessaa yakki ragaa sobaa isa tokkodha. Ragaan sobaa dhugaa dabsuudhaan haqa argachuuf hinmalle argachuuf ykn namni biraa akka argatu gargaaruuf yaaduurraa kan madduudha. Kuni immoo nama yakka raawwate bilisa baasuuf ykn nama yakkarraa bilisa ta’e tokko yakkaan akka gaafatamu taasisuullee ni dabalata.

Akkuma beekkamu ragaan sobaa bifa garaa garaatiin dhiyaachuu ni danda’a. Ragaan sobaa jechaa fi ragaa sobaa barreeffamaa ta’uu ni danda’a. Ragaan sobaa jechaa namoonni poolisii, abbaa alangaa fi manneen murtiitti ykn bakka birootti dhiyaachuun isa tokko fayyadanii isa kaan miidhuuf faayidaan ykn firummaan walqabatee jeecha sobaa fi dhugaa hin taaneen ragaa bahuun seera biratti jeecha kennuun yakka raawwatamuudha. Ragaa sobaa qindaa’e qaamolee haqaa fi nageenyaatti dhiyaatuun murtiin haqummaa hin qabne kennamaniin namoonni hedduun gocha isaanii malee mana amala sirreessaa akka galan yemmuu taasifamus ni mul’ata.

Yakki ragaa sobaa inni biraan yakka ragaa sobaa barreeffamaan qopha’uu dha. Yakki ragaalee sobaa barreeffamaa qopheessuu fi ragaalee kanatti fayyadamuu yeroo ammaa akka naannoo keenyattis ta’ee akka biyyaattiitti baay’inaan mul’achaa wan jiruuf dhimma xiyyeeffannoon itti kennamee irratti hojjatamuu qabuu dha.

Dhimma kanarratti ragaaleen poolisii akka mul’isanitti bakka adda addaa fi yeeroo adda addaatti yakkamtoonni tokko tokko chaappaa waajjiiraalee, mallattoo fi titara abbaa taayitaa fakkeessanii hojjachuun ragaa barumsaa sobaatiin mindeeffamuuf ykn guddachuuf yaaluu, eeyyama konkoolaachisummaa sobaa qopheessuu fi fayyadamuu, ragaa ga’uumsa ogummaa adda addaa sobaa dhiyeessuun dorgommii hojiif dhiyaachuu, paaspoortii sobaa qopheessuun seeraan ala biyyaa bahuuf yaaluun ni mul’ata. Haata’u malee, yakka raawwatanii seera jalaa miliqanii kan hafan osoo hintaane qabamanii seeratti dhiyaachuun kan adabamanis hedduudha.

Ragaa sobaatiin fayyadamanii haqa jallisuun, bulchiinsi gaariin akka hin diriirre, maxxantummaaniifi malaammaltummaan akka babala’atu daandii kan saaquu ta’uusaa bira darbee lammii naamusaan cimaa ta’e, ga’uumsa kan qabuu fi dorgomaa ta’e horuuf gufuu kan ta’e, ofitti amanamummaa dhabsiisuun kabaja ogummaa hojii tokkoo gadi kan busuudha.Kana malees yakkii kun ol’aantummaa seeraatiif gufuu kan ta’ee fi mirga namoomaa ilma namaa kan dhiibu ta’uunsaa nama kamiifuu ifa dha.

Kanaafuu, yakki ragaa sobaa bakka adda addaatti bifa adda addaatiin raawwatamaa jiru kun dhiibbaan inni guddina dinagdee fi hawaasummaa biyya tokkorratti qabu salphaa waan hin taaneef lammiin kamiyyuu raawwii yakka kana balaaleeffachuun ittisuu qaba. Qaamoleen dhimmi kun isaan ilaalus carraa argame hundatti fayyadamuun hubannoo haawaasichi dhimma kanarratti qabu cimsuurratti xiyyeeffatee hojjachuutu irra jiraata jenna.

Go to top