.

Aangoo fi Hojii komishiinii Poolisii Oromiyaa

Bu’uura labsii lakk. 163/2003 Qaamolee raawwachiiftuu BMNO irra deebi’uun gurmeessuu fi aangoo isaanii murteessuuf baheen, komishiiniin Poolisii Oromiyaa aangoo fi gahee hoji armaan gadii niqaba. Isaan kunis;

  1. Gochaafi sochiiwwan sirna Heera Mootummaa faalleessaniifi balaarra buusuu danda’an kamiyyuu ni ittissa;
  2. Gocha yakkaafi balaa tiraafikii akka hin uumamnee fi hin raawwatamne ni ittisa;
  3. Qorannaan yakkaa, mirga namoota shakkamanii qabamanii heeraa) fi seeraan kabajame, eeggatee akka gaggeeffamu ni taasisa;
  4. Faayidaafi dhaabbilee mootummaaa naannichaa irratti yakki akka hin raawwatamne ni ittisa;
  5. Ka’umsa yakkaa xiinxalee tooftaalee ittisaa ni baasa, uummannis yakkarraa akka of eegu ni barsiisa, bu’aawwan qorannoo yakkaa filataman hawaasaaf akka dhiyaatan ni taasisa;
  6. Uummanni nageenya naannoosaa kabachisuufi yakka ittisuu irratti akka hirmaatu boordii tajaajila poolisii hawaasaa fi nageenyaa ni gurmeessa, ni barsiisa, qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata, ni qindeessa;
  7. Nageenya naannichaa amansiisaa taasisuuf qaamolee nageenya mootummaa federaalaa fi naannoo dhimmi ilaallatu wajjin odeeffannoo waljijjiira, qindoominaan ni hojjeta;
  8. Eegumsa daandiiwwan) gurguddoo naannicha keessa qaxxaamuanii, dhaabbilee mootummaa, riqichaa, warshaaleefi iddoowwan sochiin investimeentii gurguddoon itti adeemsifaman, walgahii uummataa, ayyaana gurguddoo fi eegumsa abbootii taayitaa fi k.k.f ni raawwata, sirnaa fi nageenyi eegamuu isaa ni mirkaneessa;

9. Qaama hawaasaa deeggarsa addaa barbaadan  kan akka daa’immanii, dubartoota, maanguddootaa fi qaama miidhamtootaaf xiyyeeffannaa addaa kennuun ni hojjeta;

10. Hojiiwwan ittisaa fi qorannaa yakkaa cimsuuf ga’umsa ogummaafi tajaajila poolisii sadarkaa isaa kan eeggate akka ta’u qo’annoo ni gaggeessa;

11.Gurmaa’ina, tajaajilaafi raawwii hojii poolisii naannichaarratti hojii xiinxalaafi inspekishinii ni gaggeessa, karoora tarsiimoo ni baasa, tooftaalee raawwii hojii bifa walfakkaatuun akka  hojiirra oolu ni taasisa;

12. Meeshaalee waraanaa naannicha keessatti argaman ni galmeessa , hayyama ni kenna, ni haaromsa , ni to’ata , seerarratti hundaa’uun hidhannoo ni hiikkachiisa;

13. Ragaa baatota seeraa abbaa alangaa  waliin ta’uun ni dhiyeessa;

14. Yakkoota aangoo mana murtii naannichaa ta’an abbaa alangaa waliin ni qorata;

15. Qorannoo teekinikii abbaa alangaa waliin ta’uun ni gaggeessa, ragaa ni baha, ragaa yakkaa irraa bilisa ta’uu ni kenna;

16. Meeshaalee ciraa (egizibiitii ) akka ragaatti qabaman of eeggannoon ni eega, hanga qorannaan xumuramutti qabiinsaafi haala abbaa qabeenyaatiif itti deebi’uu irratti abbaa alngaa waliin ni hojjata, yemmuu qorannaan xumuramu kanneen akka ragaatti barbaachisan mana murtiitti ni dhiyeessa, akkasumas qabeenya namoota yakkaan shakkamanii qabamanii imaanaan ni qaba , yeroo barbaachisaa ta’etti ni deebisa;

17. Ajaja yookin  murtee mana murtii irraa kennamu ni raawwata;

18. Galmeewwan  qorannaa yakkaafi balaa tiraafikii, akkasumas ragaalee adda addaa Abbaa Alangaafi qaama dhimmi ilaalu waliin sirnaan akka eegaman ni taasisa;

19. Balaa tasaa yemmuu uumamu akkaataa haala balaa uumameetiin gargaarsaafi deeggarsa ni kenna, qaama dhimmi  ilaalu waliin qindoominaan ni hojjeta;

20. Poolisii naannichaaf humna namaa barbaachisaa ta’e filatee ni leenjisa, ni barsiisa, iddoo barbaachisaa ta’etti ramadee ni hojjechiisa, leenjii hojiirraas ni kenna; akka kennamus ni taasisa;

21. Humna kora bittinneessaafi yakkamtoota gurmaa’an to’atu ni gurmeessa; ni leenjisa, ni bobbaasa;

22. Dandeettii raawwachiisummaa poolisii guddisuuf yeroo yeroon carraa barumsaatiif haala ni mijeessa;

23. Odeeffannoo fi istaatistiksii yakkaa walitti ni qaba; ni qorata; akkaataa barbaachisummaa isaatti qaama dhimmi ilaaluuf ni dabarsa;

24. Dhaabbata leenjii poolisii naannichaa akka hundeeffamu ni taasisa, meeshaaleefi humna namaatiin ni guuta, ni gurmeessa, ni bulcha.

Go to top