.

 
                Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota  darbe
Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 6 darbuu Poolisiin magaalichaa beeksiise.
Konkolaataan fe’umsaa t3.jpgUjummoo ijaarsaa fe’ee Buraayyuurrraa gara Keellatti imalaa ture Konkolaataa deddeebisa Uummataa Minii Baasii jedhamu Konkolaachisaa fi gargaaraa dabalatee namoota 15 fe’ee Keellaarraa gara Buraayyuu imalaa tureen iddoo addaa Gafarsaa jedhamutti walitti bu’uun lubbuu namoota 6 galaafachuu Kutaa Magaalichaatti Diiviiyziin nageenya Tiraafikaa Gargaaraan Inispeektaraa Guddisaa Tarreessaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Balaa har’a naannoo Sa’aatii 6:00tti mudate kanaan konkolaachisaa fi gargaraa dabalatee lubbuun dhiira 5 fi durba 1 darbuu ibsaniiru.
Namoota 6 irra miidhaan qaamaa cimaa fi namoota 3 irra ammoo miidhaan qaamaa salphaan qaqqabuu kaasaniiru.
 
t2
 
Ganna Kana haala qilleensaarraa kan ka'e balaan tiraafikaa waan baayi'atuuf kana hambisuuf cimnee haa hojjennu. Du'aan boqochuu namoota ilaalchisee gadda nutti dhagahame ibsaa Maatii,Firoottanii fi Hiriyyottansaanii Hundaaf Jajjabina hawwa.
                Qajeelcha olaanaa Poolisii Magaalaa Shaggartu gabaase
Go to top