.

Yakkaa fi Balaa Tiraafikii Waliin Haa ittisnuu!

Seera yakkaa Itiyoophiyaa keewwata 23 lakkoofsa 1 irratti akkaataa caqafameen Yakka jechuun namoota balleessaa ykn yakka raawwataniin lubbuu namaa, qabeenyaa fi mootummaarratti balaa gahuu danda’u jechuu dha. Qabeenya yoo jennu kan uumamaa, lubbu qabeeyyii, kan socho’an fi hin sochoone jechuu ni danda’ama. yakka ittisuu jechuun immoo yakki tokko otoo hin raawwatamiin dura xinxaala gaggeessuudhaan odeeffannoo uummata keessaa argamurraatti hundaa’uun  odeeffannoo hiikuu, gurmeessuu, kallatti raawwii kaa’uudhaan yakka raawwatamuuf yaadamee qindaa’ee jiru otoo hin raawwatamiin fashaleessuu, ittisuu ykn anbisuu danda’uu jechuudha.

Akkasumas ittisa yakkaa jechuun tooftaa,(adeemsa) hojii ittisa yakkaa ittisan yoo ta’u hojiin ittisa yakkaa kan hojjatamu akka poolisiitti yoo ilaallu uummata bal’inaan hirmaachisuun fi caasaa nageenyaa waliin qindoomuun odeeffannoo uummata irraa argamerratti hundaa’uun yakka raawwatamuuf yaadame sana ittisuu jechuudha. yakki kan ittifamuu danda’u hawaasni hundii miidhaa yakki mootummaa, lubbuu fi qabeenya irratti fiduu hubachuudhan hojii yakkaa ittisuu irratti bal’inaan yoo hirmaachuu danda’ee dha. Kanaaf yakki uummata, poolisii fi caasaa nageenyaa hundaan kan ittifamu yoo ta’u, gaheen hawaasni hojii yakkaa ittisuu keessatti qabu olaanaa fi bakka bu’aa kan hin qabnee dha.

Poolisiin uummata waliin yoo ta’e malee qofaa isaa yakka ittisuu hindanda’u. yakki akkamitti ittifama kan jedhu yoo ilaallu yakkaa fi balaa tiraafikii gahu danda’u irratti xinxaala gaggeessuun iddowwan yakkaaf saaxilaman fi yakki raawwatamuu dana’ud addaan bahee poolisiin hawaasa hirmaachiisuudhaan yakkii fi balaan tiraafikii ittifama.


Yakkaa fi balaa tiraafikii ittisuu fi to’achuu keessatti hirmaannaan uummataa murteessaa dha. Hirmaannaa ummataa malee yakkaa fi balaa tiraafikii ittisuun gonkuma hindanda’amu hin yaadamus.yakki ittifamuu yoo baatee olaantummaan seeraa hin kabajamu, lubbuu namootaa, qabeenya fi mootummaa irratti yakki raawwatamu ni baay’ata akkasumaas haaluma walfakkatuun balaan tiraafikiitiis ni heddummaata. Seerri ni cabaa, dimokiraasiin hin jiraatu, dinagdee fi misoomni ni kufa, jirachummaa biyyaa fi mootummaa gaaffii guddaa keessa gala. Kallatti hundaan namootni seeraan ala sosocho’an ni baay’atu. Namootni seera qabeessa ta’an iddoo dhabu. Nagaan bahanii galuu, hojjatanii buluu fi jiraachuun ni dhabama. Keessumayyuu yakki dubartoota fi daa’imman irra gahuu danda’uu ni hammaata, hiyyummaan ni babal’ata, dimokiraasii, misooma fi badhaadhina biyyaa yaaduu hindanda’amu, hin jirus.

Kanaaf Komishiniin Poolisii Oromiyaa hundeeffama isaa irraa kaasee qooda fudhannaa gahee heera mootummaa kabajee kabachiisuu fi ittigaafatamummaa olaantummaa seeraa kabachiisuu qabu bahachuuf miseensotaa fi qondaaltota poolisii hawaasaaf tajaajila kennan ilaalcha dimokiratawummaafi biyyoleessummaa isaanii gabbifachuun gaachana ummaatichaa ta’anii hojjachuu akka danda’an leenjisuu fi saayinsii poolisii barsiisuun ittigaafatamummaa mootummaa fi imaanaa ummataa isarratti gatame bahachuuf ciminan hojjachaa jira.

Nagaa fi nageenya amansisaa itti fufinsa qabu mirkaneessuun ijarsaa sirna dimokiraasii, misooma fi guddina biyyaa safisiisuuf hawaasni bal’aan fi poolisiin qindoominan daran cimee hojjachuu qaba yaadni jedhu ergaa ijoo Komishinii Poolisii Oromiyaati.

Go to top