.

 Gamoo Qajeelcha Poolisii Godina Arsii ijaramuuf dhagaa bu'uura kaa'uun eegalchiifame jira.

Komiishinarri Jeneraalaa Komiishinii Poolisii Oromiyaa Jeneraal Dirribaa Mokonnin gamoo Qajeelcha Poolisii Godina Arsii ijaramuuf dhagaa bu'uuraa kaa'uun eegalchiisaniiru.
Dhagaan bu'uura ijarsa gamoo qajeelcha poolisii godina Arsii keessummaa kabajaa komishiinara jeneraalaa poolisii oromiyaa jeneraal Dirribaa Mokonniin waxabajjii 17 /2015 ka'ameera.
Sirni hojii ijaarsa jalqabsiisuu fi qindeessummaa qajeelcha poolisii Godina Arsii fi tumsa dhalattoota fi Abbootii qabeenyaatiin raawwatamu kun fakkeenyuummaa guddaa kan qabudha jedhan, Komiishinarri Jeneraalaa Komiishinii Poolisii Oromiyaa Jeneraal Dirribaa Mokonnin ergaa dabarsaniin.
Ijaarsa gamoo kanaaf bajaata mootummaa cinaatti tumsi abbootii qabeenyaa murteessaa ta'uunis himameera.
Gootonni dhalattootni naannawa kanaa bahan, biyya keenya misoomsuu, ijaaruu fi tiksuu keessatti gahee olaanaa qabu
Nagaan hunda keenyaaf!
 
dhga buura1
dhagbuura3
Go to top