.

Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii

Dhimmi dubartootaa fi daa’imanii komishiinii Poolisii Oromiyaatti Sadarkaa komishiinii anga Aanaatti Adeemsa Hojii ta’ee kan hundeeffame waan ta’eef Sadarkaa hundattuu koree manajementii ta’anii hojjachaa jiru.

Dhimmi dubartootaa fi daa’immanii poolisii Sadarkaa hundatti argaman waa’ee mirga dubartootaa fi daa’immanii akkasumas wal qixxummaa koorniyaa irratti hojii guddaa hojjachaa jira.


Dubartiin dhiira waliin wal’qixa hojjachuu akka danda’anii fi dandeettii akka qaban, qabeenya isaanii irratti mirga abbaa qabeenyummaa wal qixa akka qabanii fi murteessummaa wal qixa akka qaban hubannoo kennuu irratti bal’inaan hojjatamaa turee jira, akkasumas hojjatamaa jira.

Dubartoota sababa adda addaatiin miidhaan yakkaa irra gahe damee qorannaa yakkaa fi kennisiisa murtee haqaa akkasumas qindoomina qaamolee biroo waliin ta’uudhaan galmeen irratti qulqullaa’ee seeratti dhiyeessuun murtee seeraa argatee hawaasni akka irraa baratu taasifamaa jira.

Miidhaa daa'imman  irra gahuun wal qabatee damee nageenyaa naannoo mirkaneessaa waliin ta’uun hawaasa bal’aaf hubannoo kennuun hojiin ittisa yakkaa hojjatamaa jira.


Daa’ima dhalatanii gatamanii argaman NGO (dhaabbata miti mootummaa) adda addaa daa’ima guddisan waliin walitti dhiyeenya huumuudhaan fudhatanii akka guddisan taasifamaa jira.

Daa’ima miidhaan qaamaa irra qaqqabes qindoomina qaamolee adda addaa waliin ta’uudhaan yaala barbaachisaa ta’e akka argatan taasifamaa jira.

Daa’ima sababa adda addaatiin maatii isaanii waliin walitti bu’anii maatii jalaa badanii iddoo adda addaatti rakkina adda addaatiif saaxilaman qindoomina sekteroota biroo waliin ta’uudhaan gara maatii isaaniitti akka deebi’an taasifamaa jira.


Adeemsi hojii kun dubartootaa fi daa’imman irratti hojjachuun alatti Maanguddootaa fi Qaama Miidhamtoota adda addaa irrattis hojjachaa jira.

Maanguddoonni sababa adda addaatiin nama isaan gargaaruu fi isaan kununsu dhabanii yeroo isaan itti rakkatanii fi qabeenya ittiin bulan qabaatan illee namoota birootiin yeroo isaan itti acuucamanii fi mirgi isaanii itti sarbamu ni mul’ata.

Kanaaf Adeemsi kun maanguddoota miidhaan akkasii irra ga’u kana qaama dhimmi ilaallatu faana taa’uun cinaa dhaabbachuu, gargaaruu fi kunuunsa barbaachisaa ta’e akka argatan aguuggii seeraa akka argatanii fimirgi isaanii akka eegamu taasisaa jira.


Qaama Miidhamtoonni adda addaa sababa Aadaa duubatti hafaa fi wallaala irraa kan ka’e hawaasni keenya qaama miidhamtoonni akka waan namaa gadi ta’anii fi hojjatanii buluu akka waan hin dandeenyeetti, akkasumas akka waan sammuun isaanii namoota fayyaa waliin wali qixa yaaduu hin dandeenyeetti fudhatanii yaadutu ture.

Garuu qaama miidhamtoonni yoo baratan akkum namoota fayyaa qabaniitti barachuu kan danda’anii fi ittiin hojjachuu kan danda’aniidha.


Kana waan ta’eef adeemsi Hojii Dubartootaa fi Daa’immanii kun:-

  • Hubannoo dogongoraa hawaasni qabatee ture irratti hubannoo sirrii ta’e kennuun ilaalcha hawaasaa jijjiiruu irratti hojjatamee jira.
  • Bakka yakki qaama miidhamtoota irratti raawwatametti damee qorannaa yakkaa fi kennisiisa murtee haqaa, akkasumas qindoomina qaamolee dhimmi ilaalu waliin ta’uun himannaan seeraa dhiyaatee namoonni badii qaban badii isaanii irraa akka gaabbanii fi hawaasni akka isaan irraa baratan gochuun Olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti ga’ee irraa eegamu bahaa jira.
Go to top