.

Miidiyaa keenya

Komishiniin Poolisii Oromiyaa ergama nagaa fi nageenya amansiisaa fi itti fufiinsa qabu naannicha keessatti mirkaneessuuf sochii taasisuu keessatti mul’ata hojii Poolisii fakkeenyummaa fi amantaa uummataa qabuun hawaasa gocha yakkaa jibbee ittisuu danda’u uumuuf hojjechaa jira.

Eergama fi Mul’ata kana galmaan ga’uuf immoo uummanni ykn hawaasni bu’aa nageenyaa fi miidhaa yakkaa addaan baasee sirriitti hubachuun hirmaannaan inni sochii kana keessatti taasisuu qabu cimee akka itti fufu gochuun dirqama ta’a.

Miidiyaa keenya

Komishiniin Poolisii Oromiyaa ergama nagaa fi nageenya amansiisaa fi itti fufiinsa qabu naannicha keessatti mirkaneessuuf sochii taasisuu keessatti mul’ata hojii Poolisii fakkeenyummaa fi amantaa uummataa qabuun hawaasa gocha yakkaa jibbee ittisuu danda’u uumuuf hojjechaa jira.

Eergama fi Mul’ata kana galmaan ga’uuf immoo uummanni ykn hawaasni bu’aa nageenyaa fi miidhaa yakkaa addaan baasee sirriitti hubachuun hirmaannaan inni sochii kana keessatti taasisuu qabu cimee akka itti fufu gochuun dirqama ta’a.

Dhimma kanarratti hubannoo fi beekumsa barbaachisa

Dhimma kanarratti hubannoo fi beekumsa barbaachisa uumuun walta’iinsi ykn waliigalteen akka uumamu gochuuf immoo gaheen hojii Kominikeeshinii iddoo ol’aanaa qaba. Sochii kana keessatti hojiin sab-qunnamtii uummataa Koomishinichaa kan eegalame Komishinichi erga hundeeffamee waggaa lamaan booda bara 1987 yoo ta’u, yeroo sanatti caaseffamni isaas moggaafama kutaa sab-qunnamtii jedhamuun ture. Yeroo calqabaatiif baay’ina humna namaa afur(4) qabatee kan hundeeffame kutichi caasaa kana hanga godinaatti diriirsuun miseensota 2 naannoorraa, miseensota 12 ammoo godinaalee kudha lama yeroo san turanirraa filuun leenjii ogummaa gaazexxeessummaatiin akka biyyaatti Wiirtuu Leenjii poolisii Kolfeetti deeggarsa poolisii Federaalaatiin leenjiin akka kennamu taasifamee gara hojiitti seename.

 

sagantaa Raadiyoo fi TV poolisii


Yeroo sanatti Komishiniin Poolisii Oromiyaa yeroo qilleensaa mataa ofii kan hin qabne waan tureef, rippoortaroonni sadarkaa naannoo jiranis ta’ee, kanneen godinaaleerra jiran sochii adda addaa caasaan poolisii taasisaa ture qindeessuun sagantaa Raadiyoo fi TV poolisii Feederaalaa, Gaazeexaa poolisinaa Irmijaawu, Raadiyoo Itoophiyaa, Raadiyoo Faanaa fi miidiyaalee biroo fayyadamuun sochii hojii poolisii naannichaa uummata bira akka gahu taasifamaa ture.

Haala kanaan hojii miidiyaa kan eegale kutaan sab-qunnamtii Koomishinii Poolisii Oromiyaa humna isaa ogeessaa fi meeshaadhaan yeroo adda addaa cimsachaa dhufee bara 1992tti Barruulee moggafama Barii jedhamtuu fi Asxaa Ko/Po/Oromiyaa qabattee waggaatti yeroo lama   maxxansiisuun raabsuu jalqabe. Boodarras caasaan kutichaa kutaa irraa gara kutaa ol’aanaatti akka guddatu Kan taasifamee yoo ta’u, gahumsa rippoortarootaa fi oggeessota kaameeraa cimsuudhaafiis leenjiin cimsannaa ogummaa yeroo adda addaa sadarkaa naannoo fi Feederaalawaatti kennamaa tureera.


Adeemsa ture kanaanis, jechuun oduu fi sagantaa hojjatanii miidiyaalee birotiif erguun kaayyoo fi fedhii bal’aa poolisii naannichaa guutuun hin danda’amne. Rakkoo kana furuuf immoo yeroo qilleensa mataa ofii qabaachuun murteessaa akka ta’e fedhii fi kakka’umsi hoggantootaa fi ogeessota kutichaa biratti uumamaa dhufe. Kanarraa ka’uudhaan sagantaa yeroo qilleensa dhaabbataa torbanitti yeroo tokko darbu akka eeyyamamu gaaffiin dhaabbata Raadiyoo fi TV Oromiyaatiif dhiyaateen yeroon qilleensaa daqiiqaa 30f tamsa’u bilisaan eeyyamamee; Bitooteessa 26 bara 2001 sagantaan Raadiyoo fi TV Poolisii Oromiyaa tamsaasa isaa akka eegalu erga taasifamee waggoota saddeet lakkoofsiseera.

Sagantaan Kun yeroo eegalamuu sadarkaa naannootti rippoortaroota midiyaa Shan, ogeessota kaameeraa sadii fi gaggeessaa kutichaa tokko, Viidiyoo kaameeraa 3CCD tokko fi Teeppii sagalee waraabdu afur qofaan ture. Oggeessonni suur- sagalee fi Stuudiyoon ammo kan dhaabbata Raadiyoo fi TV Oromiyaatiin turan.


Sagantaan Raadiyoo fi TV Poolisii Oromiyaa

 waggootii saddeettan darban kana keessatti bara 2001--2003tti daqiiqaa 30f torbanitti idileen al- tokkoo, bara 2004 kaasee hana hardhaatti daqiiqaa 40f torbanitti idileen al- lama qophiiwwan adda addaa qopheessun tamsaasa tamsaasaa tureen, nagaa fi nageenyaa naannichaa amansiisaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf sochii taasifamaa ture keessatti gaheen taphachaa ture fi jiru akka salphaatti kan ilaalamu miti.

Turmaata kana keessatti sochii poolisii, qaamoolee haqaa fi uummataa mata-dureewwan adda addaa irratti bifa oduu, sagantaa fi bu’aa qorannoo poolisii filatamoo tiin qopheessuun tamsaasaa kan ture yoo ta’u, tamsaasonni kun immoo uummanni gocha yakkaa irraa of eegee nageenya isaa akka eeggatu kan barsiisan kan akeekkachiisanii  fi muxannoo hojii nageenyaa kan dabarsan turan. Kana malees sagantichi ayyaanoota uummataa adda addaa uummata waliin kabajuun ergaa mootummaa fi komishinichaa yeroo qilleensaa dabalataa DhRTVO eeyyamsiisuun dabrasaa tureera.

Yeroo ammaattis hojiin miidiyaa kun gama komishinichaa tiin xiyyeeffannoon guddaan kennameefi Adeemsaa Dhimmoota Kominikeeshinii jalatti adeemsa xiqqaa ta’ee hundeeffamee jira. Caaseeffamni Kun hojii miidiyaa biroodkaastii fi miidiyaa maxxansaa wal-cinaa akka hojjatamu carraa waan uumeef miidiyaan poolisii Oromiyaa gama lamaniinuu hojimaatasaa fooyyeessuu fi ammayyeessuun uummataa biratti jaalatamaa fi dhageeffatamaa akka ta’u hojjatamaa jira.

Sagantaan Raadiyoofi TV Poolisii Oromiyaa kun erga


Sagantaan Raadiyoofi TV Poolisii Oromiyaa kun erga hojii jalqabee hojiiwwan xiyyeeffannoon hojjatamaa turan, odeeffannoo kennuufi fudhachuu, ergaa gaggeesitoota ol’aanaa Komishinichaa fi waajjiraalee adda addaa irraa darbu qaban dabarsuu, miidiyaalee biroo waliin qindoominaan hojjachuu, sochii Poolisii keessatti dhimmoota dookimantii ta’anii fi taa’uu qaban waraabuun kaa’uu fi isa qilleensa irraa ooluu qabus qilleensarra oolchuu, dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti sagantaa hojjachuun qilleensa irra akka oolan hojjatamaa kan turee fi jiru yoo ta’u, hojiiwwan balaa tiraafikaa yeroo ammaa hammataa dhufe hirmaanna uummataa tiin akka hirdhatu gochuuf hojiin hubannoo cimsuu gama nageenya tiraafikaatiin hojjatamanii fi Uummanni sagantichi saganta kiyya jedhee gumaacha kallattii hundaan barbaachisu akka taasisu ayyaanota uummataa irratti qophii addaa qopheessuun uummata, qaamolee mootummaa fi miti mootummaa adda addaa waliin kabajuun waliigalteen akka uumamu gochuuf hojjataman akka laayyootti kan ilaalamanii miti.

A. Ciminoota Hojii keessatti Mul’atan

A. Ciminoota Hojii keessatti Mul’atan

  • Miira wal-deggeruu fi tokkummaan hojjechuun miseensota Poolisii qophicha hojjatanii fi garee gulaalan gidduu jiraachuu.
  • Hojiilee gurguddoo uummanni keenya gocha yakkaarraa itti barachuu, of-eeguu danda’u tamsaasuurratti haalli jiru yeroodhaa gara yerootti fooyya’aa dhufuun,
  • Dhibee HIV ilaalchisuun miseensootni poolisii dursanii akka of eegan gochuuf hojiiwwan hojjetaman gaarii ta’uu.
  • Hojii muuxannoo gaggaarii Kominitii poolisiingiirratti hojjatamaa turan uummata biratti hubannoo akka argatan gochuurratti
  • Carraan miidiyaalee naannoo mana hojii ofitti argamanitti fayyadamun jiru dabalaa dhufuun,
  • Dandeettiin raawwachiisummaa ogeessotaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun,
  • Hubannoon faayidaa hojii Kominikeeshinii fi miidiyaa yeroodha gara yerootti sadarkaa adda addaarratti dabalaa dhufuu
  • Uuwwisnii fi haguggiin sagantichaa iddoo fi yeroon dabalaa dhufuu
  • Miidiyaalee adda addaa wajjin hojjachuuf walitti dhufeenyi fi sochiin jiru gaarii ta’uu fi kkf.

Jijjiirama Dhufe (Impact)


Jijjiirama Dhufe (Impact)

  • Sadarkaa addaa addaatiin dhimma/ajandaa nageenyaarraatti baldhinaan waligalteen uumamaa jira.
  • Hirmaannaan Uummataa hojii nageenyaa keessatti qabuu fi deeggarsi qaama nageenyaatiif taasisaa jiru gama hundaan dabalaa jira.
  • Hojiin Koominikeeshinii fi miidiyaa ajandaa hoggantootaa baayyee ta’un fedhii hojii gama kanaan jiru dabalaa dhufuun
  • Nageenyi amansiisaan bu’uura guddina misooma diinagdee fi bulchiinsa gaarii fi dimokraasii ta’e naannoo keenya keessa jiraachuu.
  • Hordoffii fi deeggarsa taasifamu qabu sadarkaa barbaadamuun taasisuu dhabuu
  • Carraa miidiyaa iddoo adda addaa jirutti human guutuun fayyadamuu dhabuu

Kallatti Fuulduraa


Kallatti Fuulduraa

  • Hojiiwwan hojjataman kan darbee fi baay’ina oduu fi sagantaa hojjatameen otuu hin ta’iin galma gahaamuu qabu wajjin madaalaa deemuu,
  • Raawwii raawwatamurratti tarsiimoo hojii koominikeeshinii bara 2006 mootummaan mirkanaa’e jiddu galeessa taasifachuun hojjachuu,
  • Haguuggiin ykn uwwisni sagantichaa hunda qabeessaa akka ta’u hojii deeggarsaa fi hordoffii ciminaan hojjachuu,

Sagantichi baay’ina humna namaa fi gahumsan akkasumas meeshoolee murteessoo ta’aniin guutamaa akka deemu hojjachuu fi yeroo qilleensaa amma jiru gara sa’aa tokkootti akka ol guddatu haal-dureewwan barbaachisan guutuu fi Dhaabbata miidiyaalee adda addaa wajjin caalmaan dhiyeenyaan hojjachaa deemuu

Go to top